Ogeeyyiin waldhaansaa fi hojjettoonni Hoospitaala walii galaa Ciroo dhiiga arjooman.
Tajaajila ogummaa kennaniin ala dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruuf qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Daarektarri Meedikaalaa Hoospitaala waliigalaa Ciroo Dr. Murteessaa Abduxayib ogeeyyonni fayyaa Hoospitaalichaa dhiiga arjoomuu dabalatee waldhaansa ijaa bilisaa fi tola ooltummaa biroo irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.
Ogeeyyonni dhiiga arjoomuu hojii idileen alatti hojii lubbuu baraaruu raawwachaa akka jiran kan ibsan ammoo hojii gaggeessaa hoospitaalichaa obbo Aliyyuu Ibraahimi.TOI’tu gabaase.