Ol adeemaa taphoota 17 irratti gooliiwwan 50 lakkoofsise

You are currently viewing Ol adeemaa taphoota 17 irratti gooliiwwan 50 lakkoofsise

‎AMN PLUS- Hagayya 08/2017

‎Inniyaw Silashii jedhama. Umuriin isaa reefu ganna 17 dha. Kilaba Qiddus Giyoorgiisiif taphata. Ol adeemaan kun kilabichaaf abdii egeree tahaa jira.

Piroojektii guddattoota Arbaaminci keessatti filamuun taphataa kan ture amma kilaba guddattoota Qiddis Giyoorgis umurii 17 gadiitti makameera.

‎Dorgommii ol guddatoota waggaa 17 gadii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Magaalaa Finfinnee qopheesserratti kan hirmaate Inniyawu Shilashii gahumsa isaatiin ija namoota hedduu harkiseera.

Goolii hedduu lakkoofsisuun taphattoota sarara ittisaa garee morkataa boqannaa kan dhorkatuufi gahumsa guddaa kan agarsiise taphataan ol adeemaan kun dandeettii isaa kan cimsate Arbaamincitti.

‎Piroojektii Guddattoota Arbaaminciif waggaa lama kan taphate ol adeeman kun bara lachuu goolii olaanaa lakkoofsisuun kan xumure.

‎Magaalaa Finfinnee dhufuun Kilaba Qiddus Giyoorgiisitti kan makame Inniyawu Silashii dorgommii baranaan taphoota 19 irratti hiriiruun gooliiwwan 50 lakkoofsiseera.

‎Akka biyya keenyatti gooliin hagana baayyatu sadarkaa kamirrattuu baratamaa hin turre.

‎Osoo hiriyoonni koo na deeggaruu baatanii sadarkaa kanarra hin gahu kan jedhu taphataan kun, hiriyoota isaa akka galateeffatu dubbata.

‎Hawwii koo inni guddaan kilaba alaa keessatti sadarkaa ol aanaan taphachuudha jedha Inniyaw.

‎Inniyawu iddoo taphaa jijjiruun caalaatti akka cimu isa taasisee jedhan leenjisaan kilabichaa umurii 17 gadii Yoonaas Iskindir.

Yeroo kilaba Arbaaminci

‎ture sarara fuulduraa roga mirgaatiin taphataa turuufi amma gara sarara jidduutti dhufuun isaa gooliiwwan hedduu nuuf lakkoofsiseera jedhan.

‎Baay’inni goolii Inniyawu lakkoofsise kilabicha seenaa haaraadha jedhan Yoonaas Iskindir.

Waggaa tokkotti goolii 50 kan lakkoofsise hin jiru kan jedhan leenjisichi kana dura Obbo Yidnaqaachawu Tasammaatu waggaa tokkotti goolii 48 lakkoofsise jechuun dubbataniiru.

‎Dorgommiin ol guddattoota umurii 17 gadii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Magaalaa Finfinneettin qophaa’e Sambata dhufu xumurama.

‎Shawaangizaawu Girmaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply