Olaantummaa seeraa mirkaneessuun barbaachisaadha- Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa

You are currently viewing Olaantummaa seeraa mirkaneessuun barbaachisaadha- Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa

‎AMN PLUS- Hagayya 28/2017

‎Dagaagina sirna haqaafi dimookiraasii cimsuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjetaa akka jiru Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa beeksise.

‎Waldaan Kun dagaagina sirna haqaafi dimookiraasii cimsuu, mirga miseensota isaa kabachiisuu akkasumas olaantummaa seeraa mirkaneessuuf kaayyeffatee bara 2013 Kan hundaa’e yoo ta’u, kana galmaan ga’uufis kutannoon hojjetaa kan jiru ta’uu Pireezidaantiin Waldichaa Obbo Taaddasaa Nugusee himaniiru.

Waldichi rakkoo hawaasummaas ta’e rakkoolee biroo miseensota isaa irra ga’u adda baasuun furuun miseensonni karaa guutuu ta’een hojii isaanii bilisaan akka hojjetan taasisaa jiraachuu himaniiru.

‎Bara 2018tti hojiilee gurguddoo karoorfaman keessaa bilisummaa abbaa alangaa mirkaneessuu, abbootiin alangaa naamusaan hojiisaanii akka hojjetaniif deeggaruufi mirga abbootii alangaa kabachiisuuf akka hojjatamu Obbo Taaddasaan ibsaniiru.

Waldichi Yaa’iisaa Waliigalaa 5ffaa Magaalaa Finfinneetti taa’aa Jira.

‎Abdiisaa Fufaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply