Oladeemaan lammii Afgaanistaan Ganna 13 bakka gommaan xiyyaara taa’u jala dhokatee Afgaanistaanii haga Hinditti imale xiyyaaruma saniin gara biyyasaa deebifame.
Imala sodaachisaa kana Magaala Kaabuul irraa Daandii Qilleensa Kam Air jedhamuun kan eegale oladeemaan kun, Magaalaa Delhii nagaan qubateera.
Xiyyaara san jalaa ba’uun lafa jiru wallaalee dirree xiyyaaraa irra osoo asiif achii jedhuu eegdotni buufata xiyyaarichaa isa qaban.
Sa’aatii dheeraaf erga gaafatamee boodas gara biyya isaatti deebifamuu gabaafame.
Akka Gaazexaan Indian Express jedhetti, daa’imati kun imaluun kan barbaade gara Iraan ta’us xiyyaara dogoggoruun kan biraa keessa dhokate.
Bara 2022 lammiin Keeniyaa umrii Ganna 22, gommaa xiyyaara fe’isaa keessa dhokachuun Hoolaand Amistardaamitti to’atamuu BBCn yaadachiiseera.
Tagany Bafiqaaduutiin