Osmaan Dembelee, Laamiin Yaamaal, Raafiinihaa, boru eenyutu kubbaa warqee san dhungata?

You are currently viewing Osmaan Dembelee, Laamiin Yaamaal, Raafiinihaa, boru eenyutu kubbaa warqee san dhungata?

AMN PLUS- Fulbaana 11/2017

Badhaasni Baalaandoor 69ffaan boru galgala tamsaasa kallattiin injifataa bara 2025 ifoomsa.

Badhaasa kana Ronaaldiinihoon badhaafamaaf akka kennu beekameera. Bara dorgommii 2024/25tti taphattootni akka Osmaan Dembelee, Laamiin Yaamaal, Raafiinihaa, Vitiinihaa, Mohaammad Saalaahfi Mibaappee fa’aan ga’umsa dhuunfaa ajaayibaan agarsiisaa turaniiru.

Tilmaamni namoota hedduu garuu Osmaan Dembellee waliin jira.

Dembelleen bara dabarsine taphoota hundarratti gooliiwwan 35 lakkoofsise. Kilabasaa PSGf Waancaa Shaampiyoonsiliigii, Liigii-1 Firaansi dabalatee waancaawwan biyya keessaa hunda milkeessuun, Waancaa Kilaboota Addunyaas xumuraaf dhaqqabsiiseera.

Dembeleen Le Mondee waliin turtii taasiseen, “PSG waliin bara gaarii dabarsine, warreen kaadhimamoo keessaa tokko ta’uun koo waan gaariidha, garuu waan ta’u waliin ilaalla” jechuun yaadasaa kenne.

Bara darbe gahumsa dhuunfaa ajaayibaan Waancaa Laaliigaafi Kooppaa Diilaaree Baarseloonaa waliin kan kaase Lamiin Yaamaal tapha hunda irratti goolii 21 lakkoofsisuun bara gaarii dabarse.

Taphataan reefu umrii ganna 18 irratti argamu kun Waancaa Shaampiyoonsiliigiin haga walakkaa xumuraa qofaatti imaluun isaafi Waancaa Liigii Biyyoota Awurooppaa xumuraaf gahee biyyisaa Ispeen Poorchugaaliin moo’amuun ishee qabxiiwwan isaa jalaa hanqisuu akka malu tilmaamameera.

Yaamaal dhiyeenya yaada kenneen “Baalaandoor injifachuuf hin abjo’anne, waancaawwan hedduu injifachuudha mul’atni koo” jedhee ture.

Raafiinhaan bara kana waan Yaamaal milkeesse hunda milkeessuun gamatti taphoota 57 irratti goolii 34 fi kubbaawwan gooliif ta’an 22 mijeessuun bara ajaayibaa dabarse.

Mohaammad Saalaan ammoo taphoota 52 irratti goolii 35fi kubbaa gooliif tolan 23 mijeesseera. Waancaa PL Ingilaand Liivarpuul waliinis kaaseera.

Kiiliyaan Mibaappeen ammoo goolii 44fi kubbaa 6 yoo mijeessu, kilabni isaa Reyaal Maadiriid garuu gahumsa dadhabaan bara dorgommichaa xumure. Osoo Laaliigaa fi Shaampiyoonsi Liigiin harka Maadiriid ta’ee taphataan haga Mibaappee goolii irratti hirmaate hin jiru waan ta’eef badhaasa kanaaf caalmaan tilmaama argata ture.

Isin badhaasicha irratti mirga sagalee laachuu osoo qabaattanii eenyuuf laattu?

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply