Taphataan lammii Firaansiifi kilabii PSGf taphatu Osmaan Dembeleen badhaasa Baalaandoor bara 2025 injifate.
Dembelleen bara dabarsine taphoota hundarratti gooliiwwan 37 lakkoofsise.
Kilabasaa PSGf Waancaa Shaampiyoonsiliigii, Liigii-1 Firaansi dabalatee waancaawwan biyya keessaa hunda milkeessuun, Waancaa Kilaboota Addunyaas xumuraaf dhaqqabsiiseera.
Bara darbe gahumsa dhuunfaa ajaayibaan Waancaa Laaliigaafi Kooppaa Diilaaree Baarseloonaa waliin kan kaase Lamiin Yaamaal 2ffaan xumureera.
Taphataan reefu umrii ganna 18 irratti argamu kun Waancaa Shaampiyoonsiliigiin haga walakkaa xumuraa qofaatti imaluun isaafi Waancaa Liigii Biyyoota Awurooppaa xumuraaf gahee biyyisaa Ispeen Poorchugaaliin moo’amuun waancaa dhabee ture.
Ta’us Badhaasa taphataa cimaa dargaggeessaa jedhamuun waggaa 2ffaaf walitti aansuun badhaafameera.
Vitiinhaan PSG irraa 3ffaa yoo bahu Mohaammad Saalaan 4ffaa, Rafiinihaan ammoo 5ffaa ta’eera.
Tagany Bafiqaaduutiin