Weellistuun beekamtuu Ameerikaa Maadoonaan Phaaphaasiin Mana Amantaa Kaatoolikii Roomaa Lii’oo 14ffaa dhimma beela hamaa Gaazaa keessa jiruuf atattamaan fala barbaaduuf Gaazaa daawwachuu qabu jechuun waamicha dhiyeessite.
Akkuma dhimma UK, Gamtaa Awuroopaa, Kaanaadaa fi Awustraaliyaa gidduu seenan dhimmi Gaazaas isaan dhiphisuu qaba jechuun ergaa dabarsite.
Miidhamni daa’imman irra gahaa jiru akka sirraa’uuf yaadi abbummaa keessanii murteessaadha, jechuun akka haadhaatti miidiyaa hawaasummaan phaaphaasicha gaafatteetti.
Weellistuun kun hawaasni idil-addunyaa miidhama namoota irra gahaa jiruuf xiyyeeffannoo kennee haala Gaazaa keessatti deemaa jiru akka dhaabsisu ergaa dabarsiteetti.
Maadoonaan wallee isheetiin Rakkoo Gaazaa keessa jiru tuttuqxeetti.
Jaalalli akka jiraatuufi biyyoota giddu gala bahaa keessatti nagaan akka bu’u Maadoonaan cimsitee gaafatteetti.
Madda: BBC
Daraartuu Tarreessaatiin