AMN PLUS- Amajjii 24, 2017
Konfiraansiin Idilee Lammaffaa Paartii Badhaadhinaa Har’a Gaggeeffame Ajandaalee Adda Addaa Irratti Marii Bal’aa Erga Taasisee Booda Murteewwan Garagaraa Dabarsuu Itti Gaafatamaan Damee Qunnamtii Uummataafi Idil Adunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr Biqilaa Hurrisaa Ibsan.
Konfiraansiin idilee lammaffaa Paartii Badhaadhinaa kaleessa sirna baniinsaa Hoo’aadhaan hirmaattonni 2,100 ta’an irratti hirmaatamaniin ifatti eegaluun isaa ni yaadatama.
Konfiraansii kana irrattis hoggantoonni fi bakka bu’oonni paartilee biyyoota 15 irraa dhufan dabalatee hirmaattonni, sagalee kennan 1,700 fi keessummoonni biyya keessaa fi alaa 400 akka ta’an beekameera.
Konfiraansii kana ilaalchisee ibsa kan kennan, Itti Gaafatamaan Damee Qunnamtii Uummataafi Idil Adunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr Biqilaa Hurrisaa, konfiraansichi karaa dimokiraatawaa ta’een kan gaggeeffame ta’uu ibsaniiru.

Gabaasni Koree Giddugaleessaa fi Koree Inspeekshinii fi Naamusaa yaa’ichaaf dhiyaatee marii bal’aa booda akka ragga’es ibsaniiru.
Konfiransichi guyyaa boruus kan itti fufuu fi pirezidaantii paartichaa fi pireezidaantii itti aanaa dabalatee filannoon hoggansaa ni gaggeeffamas jedhan.
Walgahiin kun har’a koree filannoo moggaasuun bifa hirmaannaa hoo’aa qabuu fi dimokiraatawaa ta’een xumuramuu ibsaniiru.
Tajaajila Oduu Itoophiyaatu Gabaase