Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaa fi Paartiin Komunistii Kuubaa Diinagdeen of danda’uufi birmadummaa siyaasaa cimaa ijaaruu irratti hariiroo isaanii cimsanii itti fufuuf kutannoo agarsiisuun himame.
Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaa fi Paartiin Komunistii Kuubaa marii Finfinneetti adeemsisaniin hariiroo isaanii seena-qabeessa ta’e daran cimsanii itti fufuuf waliigaluun isaanii ibsameera.
Pireezidaantii Inistitiyuutii Michummaa (ICAP) fi miseensa Paarlaamaa Kuubaa Fardinaand Goonzaaleziin jilli durfamu Itti Gaafatamaa Hariiroo Ummataafi Quunnamtii Alaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaatiin simatameera.
Jilli kun hidhi haaromsaa xumuramuu ilaalchisee ergaa “Baga Gammaddan” jedhu dabarsuun, bara haaraa Itoophiyaa 2018’tiinis “Baga Geessan” jedheera.
Hidhi”Hidhi haaromsaa mallattoo cimina waloofi badhaadhinaati” jechuun jilli kun yoo ibsu, Afrikaanotni akka of danda’an akkasumas Addunyaa maraaf barnoota guddaa akka kennu hubachiiseera.
Paartiiwwan lamaan hariiroo waloo paartiirra darbee, mootummaafi mootummaa akkasumas ummataafi ummata walitti fiduun faayidaa waloof hojjachuu akka itti fufan beeksisaniiru.
Gara fuulduraatti, dhimmoota waloo irratti hojjatan ilaalchisee waliigaltee akka mallatteessan ibsuun, qoqqobbiiwwan Kuubaa irra kaa’aman dandamachuun itti fufuun ishee cimina ummata biyyattii akka mul’isu himameera.
Humnaafi sodaachisa fayyadamuurra dhimmootni mariifi wal tahumsaan darbaman akka addunyaatti bakka akka argataniif Waliin hojjachuuf mari’ataniiru.
Paartiiwwaniifi biyyootni lamaan gama siyaasaa fi hawaas-diinagdeen wal tumsuun michooma isaanii cimsanii akka itti fufan beeksisuu isaanii odeeffannoon Paartii Badhaadhinaa irraa argame ni mul’isa.