Paartileen Siyaasaa Marii Biyyaalessaaratti hirmaannaa cimaa gochuu akka qaban Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) himan

You are currently viewing Paartileen Siyaasaa Marii Biyyaalessaaratti hirmaannaa cimaa gochuu akka qaban Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) himan

AMN PLUS-Waxabajjii 13/2017

Paartileen Siyaasaa Marii Biyyaalessaaratti Hirmaannaa cimaa gochuu akka qaban Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.)ibsan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) bakka bu’oota paartilee siyaasaa guutuu biyyaarraa walitti dhufan waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota waligalteen irra hin ga’ame furuuf mariin biyyaalessaa hundagaleessi akk jiraatu carraaqqiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Kutaan hawaasaa hedduun marii biyyaalessaarratti hirmaachaa akka jiru eeranii, paartileenis hirmaannaa gochaa akka jiran himaniiru.

Haata’u malee paartileen siyaasaa tokko rokko maricharratti hirmaachaa akka hinjirre ibsanii, paartileen yaadasaanii akka hinkaafne waanti dhorku akka hinjirre kaasaniiru.

Paartileen siyaasaa hundi olaantummaa yaadaa bu’uureffachuun hirmaannaa cimaa gochuu akka qaban hubachiisaniiru.

Mariin biyyaalessaa waltajjii siyaasaa keessa tokkodha kan jedhan Ministirri Muummee, paartileen yaada qaban akka kaasan gaafataniiru.

Ajandaaleen hedduun maricharratti kaafamaa akka jiran eeranii, marichi qaama marii fi waliin dubbachuutti amanu hundaaf banaadha jedhaniiru.

Yaadonni marii kanarratti kaafaman adda baafamanii seera bu’uureffachuun fooyyessi akka irratti taasifamu dubbataniiru. TOI

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply