Paartileen siyaasaa waloon hojjechuuf waliigaltee irra ga’an – Biqilaa Hurrisaa (Dr.)

You are currently viewing Paartileen siyaasaa waloon hojjechuuf waliigaltee irra ga’an – Biqilaa Hurrisaa (Dr.)

‎AMN PLUS-Hagayya 9/2017

‎Yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 12ffaan jijjiirama ardaawaa, fayyadamummaa lammiilee fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaaf waloon hojjechuuf waliigaltee irra akka ga’ame Ittigaafatamaan Damee Hariiroo Uummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Biqilaa Hurrisaa (Dr.) ibsan.

‎Yaa’iin kun “Siyaasaa hanga Badhaadhinaatti” mata duree jedhuun Gaanaa Magaalaa Akiraatti kan adeemsifame ta’uun ni yaadatama.

‎Biqilaan (Dr.) kanneen maricharratti hirmaatan keessaa tokko yoo tahan, yaa’ichi haala Paartileen siyaasaa Afrikaa badhaadhina lammiilee ittiin mirkaneessuu danda’an irratti kan xiyyeeffate akka tures himanii jiru.

‎Yaa’ichaan tumsa paartilee siyaasaa Afrikaa gidduu jiru cimsuu fi gamtaa paartilee siyaasaa guddina Ardiifi abdii ta’e dhugoomsuu irratti xiyyeeffachuun bal’inaan akka mari’atanillee eeraniiru.

‎Paartileen ce’umsa dinagdee, ijaarsa nagaa waarawaa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa irratti xiyyeeffachuun waloon hojjechuuf waliigaltee irra ga’uu isaanii kaasuun, kunis Afrikaa cimsuuf bu’uura kan kaa’uu dha jedhan.

‎Tumsa Siyaasa Afrikaa adeemsa wal shakkii keessaa baasuun ajandaawwan waloo ardii irratti ashaaraa kaa’uu dandeessisu cimsuun akka barbaachisu itti dabaluun kaasaniiru.

‎Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah, Paartileen Siyaasaa Afrikaa guddina hundagaleessa biyyaalessaa fi ardiif xiyyeeffannoo kennuu, wal amantaa, tumsaa fi kaayyoo tokko irratti waliigaluun socho’uu akka qaban yaa’icha irratti ibsuu isaaniis eeraniiru.

‎Paartileen kunniin keessoo isaanii haaromsuun nagaa itti fufiinsa qabu ijaaruu keessatti ashaaraa isaanii kaa’uuf waliigaluu isaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply