Abbootin Amantaa Mana Amantaa Ortodooksii Taawahidoo Itoophiyaa duula ashaaraa magariisaa Kutaa Magaalaa Booleetti adeemsisaniiru.
Duula ashaaraa magariisaa kanarrratti Paatiriyaarikiin Mana Amantichaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas, Hojii Gaggeessan Mana Lubummaa Mana Amantaa Ortodooksii Taawahidoo Itoophiyaa Qulqulluu Abuna Saawuroos, Kantiibaa Itti Aanaafi Hoogganaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaayiifi abbootin amantaa hirmaataniiru.
Duulli dhaabbii biqiltuu kunis,Kutaa Magaalaa Boolee tarminaala daandii qilleensa Itoophiyaa fulduuratti kan adeemsifame yoo ta’u,maqaa gaarii biyyaafi magaalaatti ijaaruu keessatti ga’ee olaanaa qaba jedhameera.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase