Pirezidaantiin Islooveniyaa daawwannaasanii Itoophiyaa xumuran

You are currently viewing Pirezidaantiin Islooveniyaa daawwannaasanii Itoophiyaa xumuran

AMN PLUS Caamsaa 29/2017

Pirezidaantiin Islooveniyaa Naataashaa Piriik Muusaar daawwannaasanii Itoophiyaa xumuraniiru.

Pireziaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee Buufata xayyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun Pirezidaantii Islooveniyaa Naataashaa Piriik Muusaar geggeessaniiru.

Pirezidaantiin Islooveniyaa Naataashaa Piriik Muusaar turtii isaaniin Ministira Muummee Abiyyi Ahimadiifi Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee waliin hariiroo biyyoota lamaanii akkaataa cimsuufi dameewwan garagaraan waliin hojjechuun dandanda’amurratti mari’ataniiru.

Pirezidaantiin Islooveniyaa Kantiibaa Adaanech Abeebee waliin Godambaa Yaadannoo injifannoo Adwaa daawwachuun siidaa gotota Adwaa jala abaaboo kaa’aaniiru.

Kanaan alattis hojii gabbisa ogummaa horsiisa kanniisaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aaddee Adaanech Abeebee waliin ta’uun eegalchiisaniiru.

Turtiin Pirezidaantii Islooveniyaa daldalaafi Invastimantii dabalatee dameewwan addaa addaan hariiroo waloo cimsuuf gumaacha olaanaa kan qabu ta’uun himamuusaa TOI’irraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply