Pirizeedantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa ashaaraa magariisaatin goodina Jimmatti biqiltuu dhaaban.

You are currently viewing Pirizeedantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa ashaaraa magariisaatin goodina Jimmatti biqiltuu dhaaban.

AMN PLUS- Adoolessa 24/2017

Pirizeedantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 700 Ministira Muummicha Abiyyi Ahimadifi Giiftii duree Zinnaash Tayyaachoo waliin goodina Jimmaatti biqiltuu dhaabaniiru.

Obbo Shimallis sagantaa duula biqiltuun dhaabuu bara kana erga raawwatanii booda, namnii hunduu xiqqaa guddaa osoo hin jedhin tokkummaan bahee sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoonan lakka’aman dhaabamu irratti akka hirmaatu waamicha dhiyeesaniiru.

Ummanni keenyaas biqiltuu qopha’ee hundaa dhaabuun dhaloota boruuf bu’uura kaa’uu akka qabanis dhaamaniru.

Aadaan ummata keenyaa guddaa kan ta’e karoora ashaaraa magariisaa kana milkeessuun bakka hundatti gaaddisa dhaloota sona bosonaa uumuudhas jedhaniiru.

Namni akkuma ilmoo isaa kununsee guddisuu biqiltuu har’a dhaabuu kanas dbaabee deemuu qofa osoo hin ta’in kununsee guddisuu akka qabanis dhaamaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply