Pirojektii Finnaatiin hidha 14 horsiisee bultootaaf ijaaruun hanqinni bishaanii fi jallisii furamuu danda’e

You are currently viewing Pirojektii Finnaatiin hidha 14 horsiisee bultootaaf ijaaruun hanqinni bishaanii fi jallisii furamuu danda’e

‎AMN PLUS – Hagayya 27/2017

‎Pirojektii Finnaatiin hidhi 14 ijaaramuun hanqina bishaanii fi jallisii horsiisee bulaa furuun akka danda’ame Ministirri Muummee Itti Aanaa Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru.

‎Ministirri Muummichi Itti Aanaan Booranatti argamuun gammachuu horsiisee bultoota hawaasa Booranaa arguu isaanii himaniiru.

‎Hanqinni roobaa irra deddeebiin mudatee gogiinsi Godina Booranaa qoraa turuu yaadachiisuun, amma garuu godinichi boqonnaa haaraa keessa akka jiru kaasaniiru.

‎Obbo Tamasgeen rakkoo ture furuuf fala waarawaa mijeessuun ijaarsa Pirojektii Finnaa eegalameen hidhaalee 14 ijaaramuu isaaniitiin hanqinni bishaanii fi jallisii furamuu isaa akka agarsiisu ibsuu isaanii odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti qoodan ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply