Poolisiin Raashiyaa hin nyaadhu jedhee nyaate

You are currently viewing Poolisiin Raashiyaa hin nyaadhu jedhee nyaate

AMN PLUS- Adoolessa 11/2017

Raashiyaa kutaan bulchiinsa Roostov gocha malaammaltummaan baay’ee qeeqamti.

Keessattuu seera tiraafikaan wal-qabatee haalli jiru gocha malaammaltummaan wal-xaxuu ‘Oddity Central’ gabaasa baaseen ibseera.

Gochicha qolachuuf Raashiyaan seera tokko tumachuun hojirra kan oolchite yoo tahu, poolisootni yeroo malaammaltummaan akka waa fudhatan gaafataman garaa jabaatan yoo saaxilan gatii harka isaanii keessaa deebisan mootummaan akka bifa badhaasaan kennuuf waadaa galuuti dhaga’ame.

Raashiyaa kutaa bulchiinsa Roostovitti dhimmichi osoo oole hinbuliin poolisii tiraafikaa Tuuraal Saafaaroov jedhamu mudachuun himameera.

Poolisichaaf Ruubiliin Raashiyaa kuma 30,000 ykn Doolaarri 384 bifa malaammaltummaan dhiyaatufis lakkii jechuun nama dhiyeesseef saaxiluun gatii sana mootummaa biyyattiin badhaafamuu ‘Oddity Central’ ibseera.

Poolisichi dubbii bifa jijjiirrateen maallaqa Itoophiyaatti yoo sharafamu birrii kuma 53 caalu argateera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply