Bara bajatichaatti qabeenya birrii biiliyoona 4’tti tilmaamamu walitti qabuun sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuufi adeemsa barnootaaf haala mijataa uumuun akka danda’ame Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee gabaasa raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa kan bara baajetaa 2017 Mana Maree Magaalaa Finfinnee 3ffaa, Bara hojii 4ffaa Yaa’ii idilee 4ffaarratti dhiheessaniiru.
Bulchiinsi Magaalichaa damee barnootaan haqa qabeessummaa barnootaa guddisuun cinaatti dhaloota naamuusaan gahoome uumuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira jedhan.
Magaalichatti simannaan barnootaa guddachuu, barattoonnis bifa taphaataattiin akka baratan taasifamuu kaasan.
Barnoota fedhii addaa ilaalchisees barnoota fedhii manneen barnootaa hunda keessatti babal’isuun dandeetti simannaa barattootaa magaalichaa kuma 34 oli qaqqabsiisuun akka danda’ame eeraniiru.
Sadarkaa manneen banootaa fooyyessuu waliin walqabatees qabeenya birrii biiliyoona 4’tti tilamaamu walitti qabuun adeemsa barnoota magaalichaaf haala mijataa uumuun danda’ameera jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.