AMN PLUS – Onkoloolessa 13/2018
Biiliyeenarri lammii Naayijeeriyaa Aliikoo Daangooteen taaksii malee qabeenya Dolaaraa biiliyeena 30 walitti qabachuun Afrikaarraa nama jalqabaa ta’eera.
Torban lamaan dura biiliyoonarata Biluumbarg tarreesse keessaa qabeenyi Aliikoo Daangootee biiliyoona 29.6 kan ture amma biiliyoona 30 guuteera.
Daangooteen warshaa simmintoo biyya Kootiidiivar keessatti ijaaraa turee eebbiseera.
Warshaan kunis waggaatti dandeettii simmintoo meetirik toonii miiliyoona 3 oomishuu kan danda’u yoo ta’u, biyyattiif warshaa guddaa isa jalqabaatis akka ibsameera.
Walumaa galatti Daangooteen warshaa simintoo toonii miliyoona 55 waggaatti oomishu Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 11 keessatti ijaareera.

Dabalataanis damee calaltuu boba’atiin gahumsi dachaan kan dabale guyyaatti boba’aa barmeela miliyoona 1.4 gabaaf akka dhiyeessu ibsameera.
Bara 2024 dolaaraa biiliyoona 9 qofa qabu yeroo sanitti abbaa qabeenya Afrikaa Yuuhan Ruupart dolaara biiliyoona 10.3 qabuun ni caalama ture.
Haata’u malee Daangooteen bu’aa calaltuu boba’a guddisuun qabeenya isaa gara dolaara biiliyoona 20.1 ol-guddisuun sadarkaa isaa 1ffaatti deebiseera.
Daangooteen dhiyeenya Pirojektii Warshaa Xaa’oo fi Warshaa Boba’aa qulqulleessu Itoophiyaatti eegaluun ni yaadatama.
Daawwit Baraanuutiin.