AMN PLUS- Onkoloolessa 02/2018
Jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf misoomni koriidarii baadiyyaa murteessaa ta’uu Ministirri Muummee Abiy Ahimad (Dr) dubbatan.
Daawwannaa hojii naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti kan taasisan Ministirri Muummee, jijjiirami magaalaa gara baadiyyaatti ce’uu eegaluu kaasaniiru.
Jijjiiramaaf hojjennaan haala jireenya lammiilee jijjiiruun akka danda’amu ibsan.
Qabeenyis beekumsis numa bira ture, amma hojjechuu eegalleerra jedhan.
Hojichi misooma fiduu caalaa walitti hidhamiinsa diinagdee fi hawaasa waan caalmaan ceesisuuf badhaadhinni mana nama hundaa seenee ywroo itti aanu arguu qabna jedhaniiru.
Naannoleen hojii kana babal’isuufi itti fufsiisuuf hundumti qooda irraa eegamu bahuu akka qabu dubbataniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin