Qabxiin barattootaa kutaa 12ffaa bara darbe qormaata biyyoolessaa fudhatanii bor akka ifoomu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Kana ilaalchisee guyyaa borii sa’a 10 irraa eegalee miidiyaaleef ibsi ni kennama.
Bara barnootaa 2017 qormaanni xumuraa kutaa 12ffaa waxabajjii 23 hanga adoolessa 8/2017tti kennamuun isaa ni yaadatama.
Saayinsii uumamaatii fi saayinsii hawaasummaan waliigala barattootni kumi 608 fi 742 galmaa’anii kuma 581fi 905 qormaata fudhachuu TOI’n gabaaseera.
Kanneen qoraman keessaa barattoonni kumi 134fi 828 oonlaayiniitiin kan qoraman yeroo ta’u warri hafan waraqaan kan qoramanidha.
Qormaatichi naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaatti giddu galeessa qormaataa qophaa’anitti gama oonlaayiniitiin marsaa afuriin akkasumas waraqaadhaan marsaa lamaan kennamuun isaa ni yaadatama.