Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akka biyyaatti keennamuu Magaalaa Finfinneettis eegalameera.

You are currently viewing Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akka biyyaatti keennamuu Magaalaa Finfinneettis eegalameera.

AMN PLUS- Waxabajjii 23, 2017

‎Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akka biyyaatti keennamuu Magaalaa Finfinneetti wiirtuuwwan qormaataa 108tti damee barnootaa Saayinsii uummamaan keennamuu eegalameera.

‎Sadarkaa magaalaa Finfinneetti Qormaanni biyyoolessaa kutaav12ffaa kan baranaa yeroo jalqabaatiif guutummaatti toora interneetiin keennamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Zalaalem Mulaatuu (PHD) himaniiru.

‎Qormaanni biyyoolessaa kun marsaa adda addaatiin kan kennamu yoo ta’u, barattoonni saayinsii uumamaa waxabajjii 23 hanga 30tti, barattoonni saayinsii hawaasaa ammoo Adoolessa 1 hanga 8, 2017tti qormaata ni fudhatu.

‎Barattoonni kuma 51 fi 259 akka magaalaa Finfinneetti qorumsa biyyoolessaa fudhataa kan jiran ta’u Biiroon Barnootaa Magaalichaa beeksiseera

‎Kaasiyyee Maanguddaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply