Raashiyaan loltootni biyyoota biroo Yuukireen keessatti kan bobbaafaman taanaan akka hin simanne beeksiftee jirti.
Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zaakihaaroovaa, hawaasni idil-addunyaa humnootni nageenyaa akka Kiyeev buufatan dhiibbaa godhu ilaalchisee marii taasisamu kamirratti iyyuu hirmaachuuf fedhii akkan qabne beeksisaniiru.
Marii Fooramii Diinagdee Bahaa Vilaavivostok keessatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaataa kan jiran Dubbi himtuun kun “Jiddu seentummaan humnoota alaa bifa kamiin iyyuu fudhatama hin qabu” jechuun yaada hanga’oota Awurooppaa Kuraa taasianii jiru.
Hanga’ootni Awurooppaa fi Pireezidaantiin Yuukireen Zeleniskiin waraanni kun erga dhaabbatee booda wabii nageenyaa Kiyeeviif haala itti mirkaneessuuf danda’amu irratti mari’achuuf har’atti beellama qabaachuu isaanii Al-Jazeeraatu gabaase.
Pireezidaantotni biyyoota lamaanii, haala itti waraanni dhaabbatu irratti qofa qofaa Ameerikaatti Imaluun Pireezidaanti Tiraamp waliin haa mari’ataniyyuu malee haala wal dhokachoo fakkaatuun Wal jalaa miliqaa hanga yoonaa Fuulhaam fuulatti waliin mari’achuuf dandeenye.
Puutiniifi Zeleniskiin waraana kana dhaabuuf fedhii malee gochaan agarsiisuun akka hin taaneef mul’ataa jira.
Gama biraan, Pireezidaantiin Faransaay Maakroon, qajeeltoon wabii nageenyaa Yuukireen haalaan qophaa’uu ibsanis ammaaf garuu dhokataa tahee akka turu himaniiru.
Carraaqqii waraana dhaabuuf ol aanaa taasisaa jiraniif kan galateeffataman Pireezidaanti Tiraamp, har’a galgala Zeleniskii wajjin bilbilaan akka mari’an, guyyoota itti aanan keessatti ammoo Puutin wajjin akka mari’atan eegama.
Daraartuu Tarreessaatiin