Raayyaan Poolisii nagaa kabachiisuu ciratti eegumsa naannoo irrattis ergama dabalataa bahaa jiraachuu Komishinarrri Komishinii Poolisii Finfinee Geetuu Argaawu ibsaniiru
Miseensonni raayyaa poolisii kutaa magaalaa 11fi Kolleejjii irraa walitti dhufan Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo naannoo manneen waliin jireenya Wayiraatti duula ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo irratti hirmaataniiru.
Ajajaan Muummee Qajeelcha Poolisii Magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaawu eegumsa nagaa fi tasgabbii cinatti hojii eegumsa naannoo irratis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin eegumsa naannoo kallatiin hojii raayyaa waliin walitti dhufa jechuun ibsan.
Dabalataanis miseensonni poolisii lammiileen hunduu nageenyi akkuma isa barbaachisu qilleensa qulqulluu akka argatu biqiltuu dhaabuunis itti gaafatamummaa isaanii ni bahatu jedhaniiru.