Gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana 1ffaa bara 2018 magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira.
Obbo Shimallis wayita kana akka dubbatanitti, hojiiwwan misoomaa naannichatti hojjetaman fedhii fi dandeettii misoomaa jiru waliin yoo ilaalamu ammas hedduutu hafa.
Hooggansi hunduu miira Uummata kootiif maalan buuse jedhuun hojjechuu qabaa kan jedhan Obbo Shimallis Dhimmoota hoogganuu qabnu akkamitti akka Hoogganaa jirru of gaafachuu qabnas jedhaniiru.
Gaaffii kana deebisuun Gaaffii dhalootaa deebisuudha kan jedhan Obbo Shimallis hooggansi sadarakaan jiru xiyyeeffannoon hojjechuu qabaa jedhan.
Hooggansi jiru Rakkoo qaala’insa jireenyaa furuu akkasumas Rakkoo hoji dhabdummaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuun dargaggootatti hamilee horuu qaba jedhaniiru.

Sadarkaa biyyaa irraa hanga nama dhuunfaatti badhaadhina fiduuf aadaa qusannaa uummataa cimsuu, humna waloo fi dhuunfaa siriitti fayyadamuu, kennai tajaajilaa ariifataa fi hojiiwwan biroon irratti hojjetamuu akka qaban kaasaniiru.
Hojiiwwan bara darbe hojjetaman sirriitti akka qoratamanii fi geggeessitoonni sirriitti akka ofi ilaaluu qabanis hubachiisaniiru.
Gaaffilee misoomaa fi kanneen biroo lammilee irraa dhiyaatan akka naannootti deebisuuf hojjetamaa kan jiru ta’us, malaammaltummaa ittisuun, hoji-dhabdummaa xiqqeessuu, hiyyummaa xiqqeessuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun waltajjichaaan xiyyeeffannoo argachjuu akka qabanis akeekaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniin, bara darbe hojiiwan gaaffilee misoomaa uummata naannichaa deebisan hedduun hojjetamuu eeraniiru.
Karoora “Waggaa tokko akka waggaa shaniitti yaaduun haa hojjennu” jedhu bu’uureffachuun adeemsa nagaa mirkaneessuu fi kenna tajaajilaa fooyyessuu keessatti bu’aan galmaa’aa jiraachuus dubbataniiru.
Jiraataa Biyyanaatu gabaase