“Rakkoo Quucarummaa hojiidhaan balleessina” MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing “Rakkoo Quucarummaa hojiidhaan balleessina” MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS- Onkololeessa 01/2018

Rakkoo Quucarummaa daa’immanii kan balleessinu yoo hojjenne qofaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) himan.

Dooktar Abiyyi hojiilee misoomaa kooriidarii baadiyyaa ilaalchisuun hoggantoota Federaalaa fi Naannolee waliin qe’ee qonnaan bulaa ammayyaa’e keessatti mari’ataniiru.

Qe’ee moodela godinaalee Hadiyyaafi Halaabaatti hojiin jiruuf jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf hojjetame, Itoophiyaan yeroo gabaaba keessatti walabummaa nyaataa mirkaneessuu akka dandeessu agarsiistuudha jedhan.

Rakkoo Itoophiyaa yeroo dheeraa kan ture quucarummaa daa’immanii sababa hanqina nyaata madaalawaan dhufu ta’uu kan eeran Dooktar Abiyyi misooma kooriidarii baadiyyaatiin garuu rakkoon kun ni hafa jedhaniiru.

Qe’ee Qonnaan bulaatti gosoota nyaataa pirootiiniif ta’uun dabalata, warreen madaalawaa ta’an akka raafuu, damma, lukkuu, aannan, killee, kuduraafi muduraan waan jiruuf namni kana nyaatee guddate quucaruu hin danda’u jedhan.

Ofirra darbuunis gabaaf dhiyeessuun madda galii akka ta’ullee eeran.

Hojii kana babal’isuun ammoo kutannoo cimaa akka gaafatu Dooktar Abiyyi dubbataniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply