Dhiyeessiifi gurgurtaan boba’aa Magaalaa Finfinneetti haqa qabeessa ta’uu dhabuun hojiilee misoomaa irratti miidhaa geessisaa jiraachuun ibsame
Biiroon Daldala Magaalaa Finfinnee ji’a Waxabajjii darbe raabsaafi dhiyeessiin boba’aa akka Magalaa Finfinneetti hanqina huddaa qabaachuus eeruun, buufataalee boba’aa qajeelfamaan hin hojjenne 12 irratti tarkaanfii fudhachuun akka cufaman taasifamuus ifoomseera.
Gama biraatiin, boba’aa seeraan ala socho’aa ture liitirri kuma 65 ol qabameera, birriin mil.5.9 mootummaaf galii ta’uus ibsameera.
Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Naannawaa Dr.Abdulhaakiim Muluu, haala dhiyeessiifi daldala boba’aa Naannoo Finfinnee ilaalchisee hanqinootaafi rakkoolee seer-maleessummaa achi keessa jiran xiyyeeffannoon furuun murteessaa ta’uu himan.
Boba’aan osoo jiruu hin jiru jechuun akkasumas, maashiniin hin hojjetu jechuudhaan karaa seeraan alaan gurguruufi kubbaaniyyootni fe’umsa boba’aarratti hojjetan tokko tokko ta’e jedhanii konkolaataa karaarra tursiisuun akka rakkootti mul’ataa tureera, kun bu’uurarraa furamuu qabas jedhameera.
Abdiisaa Fufaatu Gabaase.