Riifoormiin diinagdee Itoophiyaa biyyoota kaaniif fakkeenya- IMF

You are currently viewing Riifoormiin diinagdee Itoophiyaa biyyoota kaaniif fakkeenya- IMF

AMN PLUS- Onkoloolessa 04/2018

Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu Daarektara Itti Aanaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) Niigeel Kilaark waliin mari’ate.

Jilichi Ministira Maallaqaa Obbo Ahimed Shidee dabalatee Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Iyyoob Takkaaliny (Dr), Gorsaa Ministira Muummee Itoophiyaa, Obbo Taklawald Axinaafuu fi hoggantoota olaanoo biroo of keessatti kan hammateedha.

Marii kanaanis ajandaa diinagdee gooroo Itoophiyaafi deeggarsa IMF irratti xiyyeeffatameera.

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Itoophiyaan gahumsa diinagdeeshee sirriitti akka fayyadamtuuf tumsa IMF ajandaa riifoormii Itoophiyaaf taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Ajandaan diinagdee Itoophiyaa carraa hojii uumuun sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuu akka ta’es Obbo Ahimad ibsaniiru.

Riifoormii diinagdee kanaan bu’aawwan haga ammaa mul’atan irratti ibsa kan kennan obbo Ahimad, hammeentaa qaala’iinsa gatii gadi bu’uu, al-ergiin dabaluufi qilleensi daldalaa Itoophiyaa haalaan jijjiiramuu kaasaniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Iyyoob Takkaalliny (Dr.) gama isaaniin qajeeltoo G-20 jalatti sirreeffamni idaa IMF taasisaa jiru ajandaa riifoormii diinagdee Itoophiyaa irratti shoora gaarii taphataa jiraachuu kaasaniiru.

Daayirektarri Itti Aanaan IMF Niigeel Kilaarki riifoormiin diinagdee Itoophiyaa biyyoota kaaniif fakkeenya ta’uu eeran.

IMF ce’umsa diinagdee Itoophiyaa kanaaf deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufus Mr. Kilarki mirkaneessaniiru.

Baatii Muddee keessas Itoophiyaa daawwachuuf karoorsuu ibsuun dhaabbilee mootummaafi damee dhuunfaa waliin akka mari’atan himan.

Jilli IMF marsaa 4ffaaf gara Itoophiyaa dhufuun sadarkaa riifoormiin diinagdee irra jiru akka madaalanis waliigalteerra gahamuu Odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa nu biraan gahe ni agarsiisa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply