Riifoormiin dinagdee gooroo milkaa’ina guddaa agarsiiseera-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

You are currently viewing Riifoormiin dinagdee gooroo milkaa’ina guddaa agarsiiseera-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

AMN PLUS Caamsaa 07/2017

Riifoormiin dinagdee gooroo Itiyoophiyaa milkaa’ina guddaa agarsiisuu isaa Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan.

Formaiin Faayinaansii Itiyoophiyaa guyyoota lamaaf turu Finfinnee Godambaa Saayinsii Finfinneetti eegalameera.

Hooggantoonni mootummaa olaanoon, hooggantoonni baankii biyya keessaa fi idil addunyaa, bakka bu’oonni dhaabbilee maallaa idil addunyaa fi deeggartoota misoomaa foramicharratti argamaniiru.

Industiriin faayinaansii Itiyoophiyaa umurii jaarraa tokoo qabu guddina barbaachisu osoo hinfidiin turuusaa Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee dubbataniiru.

Industiriin Faayinaansii Itiyoophiyaa gufuulee isa mudatan darbuuf sirna hammataa fi yeroon barbaadu uumuuf riifoormiin dinagdee hojiirra ooluu dubbataniiru.

Riifoormiin dinagdee gooroo hojiirra oolee yeroo gabaabaa keessatti bu’aan gaariin dhufuu ibsaniiru.

Fuulduras indastirii faayinaansi Itiyoophiyaa gara sirna dijitaalaatti ceesisuuf hojii ittifufiinsa qabu akka gaafatu hubachiisaniiru.

Bulchaan baankii biyyaalessaa Maammoo Mihiratuu gamasaaniin, riifoormiin dinagdee gooroo deeggarsa fi beekamtii idil addunyaa argachuusaa eeruusaanii TOI’tu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply