Riifoormiin dinagdee gooroo sharafni biyyaa alaa beelladarraa argamu akka dabalu taasisuusaa inistiitiyuutiin misooma beellada Itoophiya ibse.
Bara Bajataa 2017 ji’oota 10 darbe keessatti galiin doolaara miiliyoona 100 caalu argamuusaa inistiitiyuutichi beeksiseera.
Bara Bajataa 2017 Foon, hambaawwan qlmaa, damma, gagaa fi bu’awwan gagaarraa argaman, annanii fi bu’aalee aannaniirraa galii doolaarri ameerikaa miiliyoona 122 argachuuf karoorfamee hojjetamaa turuu Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuuti misooma beellada Itoophiya Asraat Xeeraa (Dr.) ibsaniiru.
Bara bajatichaa baatii 10 keessatti galiin doolaaraa ameerikaa miiliyoona 100 tuqaa 23 argamuu ibsanii, kan bar-dheengaddaan walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbantaa 28 caalmaa qaba jedhaniiru.
Akka Asiraat (Dr.) ibsanitti galiin dhibbantaan 98 ta’u kan argame hoolaa, re’ee, loon gaalaa fi foon gaalaa kan hafe damma, aannan gaalaa fi lukkuu irraati.
Loon karaa seeraan alaa biyya alaatti baafaman hafuu fi sharafni biyya alaa baankotaa fi gabaa seeraan alaa jidduu ture walitti dhihaachuun milkaa’ina kanaaf sababa ta’uu eeruu isaanii TOI’tu gabase.