Rooba guyyaa 16/2017 roobeen lolaa uumameerratti yaadonnii hin barbaachisnee kannaamaa jiraachuu isaa Biiroon kominiikeeshinii Magaalaa Finfinnee beeksise.

You are currently viewing Rooba guyyaa 16/2017 roobeen lolaa uumameerratti yaadonnii hin barbaachisnee kannaamaa jiraachuu isaa Biiroon kominiikeeshinii Magaalaa Finfinnee beeksise.

‎AMN PLUS- Adoolessa 17/2017

‎Magaalaa finfinneetti rooba guddaa guyyaa 16/2017 roobeen lolaa uumameerratti yaada namoonni tokko tokkoo kennan kan hin barbaachifnee ta’uutu ibsame

‎Waqtii isaa eeggatee rooba guddaa roobeen misooma qarqara lagaa naannoo hoteela Giyoonitti hidha bishaanii yeroof qophaa’e cabsuun lolaa uumameerratti yaanni namoonni tokko tokkoo kaasaa jiran dhugaarraa kan faagaatee ta’uun isaa dhagahaameera‎

‎Jiraattoonni magaalaa Finfinneefi uummanni hunduu waqtii kanaafi misoomaa ijaaraamaa jiruu yaada keessa galchuun odeeffannoo dogoggooraa maddii isaa hin beekamne irraa akka of qusatuufi akkasumas odeeffannoo waqtaawaa dhaabbanni Meetiirooloojii Itiyoophiyaa kennuu ilaalcha keessa galchuun balaa lolaa irraa akka of eegu Biiroon Kominiikeeshinii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

‎Dhumarrattis uummanni keenya rooba gannaafi misooma ijaaraamaa jiru yaada keessa galchuun lolaa uumamuu malu irraa akka of eeganiifi sochii magaalli lolaa ittisuuf taasiftu cimsaanii akka deggaaranis waamichi dhiyaateera.

Biiroo Kominiikeeshinii Magaalaa Finfinnee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply