Morkii kilaba Morookoo ‘RS’ Berkaan fi kan Taanzaaniyaa Siimbaa gidduutti taphni marsaa duraa olaantummaa RS Barkaan 2 fi 0’n goolabamee ture.
Ta’us tapha marsaa 2ffaa kaleessa taphatameen RS Berkaan 1 fi 0’n mo’achuu hordofee bu’aa dhaqaa galaa 3 fi 1’n injifachuun RS Berkaan yeroo 3ffaaf shaampiyoonaa waancaa konfedereeshinii Afrikaa ta’uu danda’eera.
Kilabni Taanzaaniyaa Siimbaan goolii daqiiqaa 17ffaarratti lakkoofsiseen dursuu danda’ullee goolii boodarra keessummeesseen bu’aa waliigalaa taphichaa jijjiiruu hin dandeenye.
Siimbaarraa taphaan kilabichaa Yusuuf Kaagomaa daqiiqaa 51ffaarratti kaardii diimaan dirreetii erga bahee booda gooliin daqiiqaa 74ffaarratti lakkoofsisan murtee ‘VAR’n jalaa haqamteetti.
Kilabni Morookoo RS Berkaan bara Awurooppaa 2020, fi 2022 waancicha injifatee kan ture yoo ta’u kan 2025 kun injifannoo yeroo 3ffaa isaati.
Kilabootni Tuniiziyaa Itooyilee Ispoortiivi Duusaaheeli fi Kilab Isfekseen yeroo afur, afur waancaa konfedereshinii CAF injifachuun rikardii yoo qabatan kilabni Morookoo Rajaa Kaazaabilaankaa ammoo yeroo 3 injifateera.
Muktaar Abdallaan