Sa’aatii 24 keessatti roobni jabaan haga miilii meetira 30 roobuu danda’a jedhame

You are currently viewing Sa’aatii 24 keessatti roobni jabaan haga miilii meetira 30 roobuu danda’a jedhame

‎AMN PLUS – Hagayya 7/2017

‎Inistiitiyuutiin Meetiyoorooloojii Biyyaalessa Hagayya 5/2017 irraa eegalee guyyoota 20 dhufan keessatti haalli qilleensaa hojii qonna irraatti dhiibbaa fiduu danda’u ilaalchisee ibsa ergeera.

Ibsichaanis ‎Guyyoota 10 darban bakkeewwan biyyattii 108tti sa’aatii 24 keessatti roobni jabaan milii meetira 30 ol roobuu Inistiitiyuutichi beeksiseera.

‎Kibba lixaa, Kaaba Lixaa, Giddu galeessa, Kaaba Bahaa fi Baha biyyattiitti hangi tamsaasa roobaa fooyya’aan ni jiraata jedhamee eegama.

‎Kana hordofee sodaan wal qabatu hir’isuu fi carraa gaarii inni qabu fayyadamuuf raaga haala qilleensaa waqtawaatti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu eere.

‎Bakkeewwan rooba gannaa fayyadaman irratti rooba giddugaleessaa hanga ol aanaatti waan mudatuuf lolaan tasaa fi guutiinsa laggeenii sadarkaa olaanaan dabaluun bakkeewwan yaa’aa gadii irratti guutiinsa jabaa bishaanii mudachuu ni danda’a jedhameera.

‎Hagayya 12/2017 irraa eegalee guyyoota kurnan itti aanan tamsaasi walirraa hin cinne darbee darbee roobi jabaan cabbii makate guutiinsa bishaanii tasa uumuu akka danda’u himameera.

‎Naannoowwan biyyattii roobni jabaan muddachuu malu kunis gorsa kennamu sirriitti hojii irra oolchuu akka qaban

‎Meetiyoorooloojiin biyyaalessaa hubachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply