AMN – Bitootessa 11/2017
Sababa yaada kaaseen namni hidhame tokkollee kan hin jirre ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (D.) himan.
Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad yaadaafi gaaffiiwwan miseensota mana maree bakka bu’oota uummataarraa ka’aniif deebii kennaniiru.
Mootummaan keenya qeeqaaf banaadha kan jedhan Abiyyi (Dr.) sababa yaada kaasuutiin namni hidhame tokkollee hin jiru jedhan.
Haata’u malee harka tokkoon qabsoo nagaa, harka biroon immoo mootummaa humnaan kuffisuuf humnoonni yaalan akka jiranis kaasaniiru.
Kunis seera cabsuudha kan jedhan MM, bilisummaa sirnaan bulchuurratti hanqinni jira, haata’u malee mootummaan ammallee nagaa buusuuf kutannoo cimaa qaba.