Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa naannoo somaaleetti sagantaa ashaaraa guyyaatti biqiltoota miliyoona 700 dhaabbatuu jalqabsisaniiru.
Naannoowwan hanqinni roobaa jirutti sagaantaa ashaaraa magariisaa raawwachuun haala qilleensaa mijataa naannichaaf fiduu keessatti gahee ol’aanaa akka qabu Obbo Tamasgeen ibsaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaa faayidaa nyaataatin wal-qabsiisuun hojiin hojjetame bu’aa guddaa argamsisuu Obbo Tamasgeen himaniiru.
Sagantaan kun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii qindoominaan hojjetameen biqiltoota nyaataaf oolan kanneen akka fuduraa, biqiloota firiin isaanii nyaatamaaniifi biqiltoonni akka bunaa akka dhaabaman taasisuun biqiltoonni waggottan dabran dhaabaman amma firii kennuu jalqabuus ibsaniiru.
Yeroo baay’ee naannoon somaalee hanqina roobaa waan qabduuf biqiltoonni har’a dhaabatan gara fuuduraatti naannichatti haala qileensa mijataa fiduuf gaheen isaanii guddaa akka ta’u ni agarsiisa.
Sagantaa ashaaraa magariisaa har’atin naannichatti biqiltoota miliyoona 2.5 ol kan dhaabbatan yoo ta’u hojiin kunis sochii hojiilee qonnaa naannichaa keessatti gumaachi isaa ol’aanaa ta’u Obbo Tamasgeen ibsaniiru.