Sagantaa ashaaraa magariisaatin naannoowwan goginsan miidhaman baraaruun hojii dhimma jireenya itti fuufsiisuu akka tas’e Pirizedanti Musxafee Muhaammad ibsan

You are currently viewing Sagantaa ashaaraa magariisaatin naannoowwan goginsan miidhaman baraaruun hojii dhimma jireenya itti fuufsiisuu akka tas’e Pirizedanti Musxafee Muhaammad ibsan

AMN PLUS- Adoolessa 24/2017

Naannoo Somaalee dabalatee naannoowwan goginsan miidhaman sagantaa ashaaraa magariisaatin baraaruun hojii dhimma jireenya itti fuufsiisuu akka ta’e Pirizedantiin Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Musxafee Muhaammad.

Qaama sagantaa ashaaraa magariisaa 24/11/2017 guyyaa tokkotti biqiltoota miiliyoona dhibbaan lakka’aman dhaabuu naannoo Somaaleetti adeemsifamaa jira.

Ministira Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xurunaa, Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Hogganaa Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah fi Hooggatoonni ol’aanoo biroon saganticha irratti argamaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltoonni miliyoona dhibbaan lakka’amu dhaabbatu irratti Obbo Musxafee Muhaammad, dabalatee qondaaltonni mootummaa, barattoonni, daa’immaan, hooggatoonni nageenyaafi namoota kutaalee hawaasaa biroo irraa dammaqinsan irratti bal’inaan hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

Sagantaan ashaaraa magariisaa naannoo Somaalee dabalatee naannoowwan gammoojjii ta’aniif bu’aa guddaa akka qabu hubachiisaniru.

Haaluma wal fakkaatuun jijjirama qilleensaatin miidhaa dhufu ittisuudhaaf sagaantaan ashaaraa magariisaa furmaata waaraa waan ta’e cimee akka itti fufu ni mirkaneessina jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply