Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Damee Tuurizimii kan guddisu ta’uu Ministirri Tuurizimii Salaamaawit Kaasaa himan.

You are currently viewing Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Damee Tuurizimii kan guddisu ta’uu Ministirri Tuurizimii Salaamaawit Kaasaa himan.

‎AMN Plus – Adoolessa 24/2017

‎Sagantaan Ashaaraa Magariisaa damee turizimii daran guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu Ministirri Ministeera Tuurizimii Aadde Salaamaawit Kaasaa ibsan.

‎Aadde Salaamaawit Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuu dhaabuu irratti argamuun biqiltuu dhaabaniiru.

‎ Sagantaa kanaan hojiin hojjetamaa jiru damee tuurizimii ni jajjabeessas jedhaniiru.

‎Sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabbii adeemsa jijjiiramaa irraa eegalee hojii hojjetamaa ture hedduu keessaa tokko ta’uu ibsanii, dhaloota dhufuuf kan darbu ta’uus eeraniiru.

‎Sagantaa kanaan naannoowwan manca’an deebi’anii kan itti misoomaniifi bakkeewwan hawwata tuuristii kan itti midhagfaman waan ta’eef, guddina damee tuurizimii keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jirus ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply