Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkotti Biqiltuu Miiliyoona 700 dhaabuu eegalame

You are currently viewing Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkotti Biqiltuu Miiliyoona 700 dhaabuu eegalame

AMN PLUS Adoolessa 24/2017

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa 7ffaa bara 2017 guyyaa tokkotti Biqiltuu Miiliyoona 700 dhaabuu guutuu biyyattiitti eegalameera.

Itoophiyaan Itoophiyaa keessatti sa’aatii 12 eegalee ummanni baayinaa bahuun ashaaraa isaanii teechisuu .

waggootan dabran 6n biqiltoota biiliyoona 40 kan dhaabdee baranas biqiltoota biiliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfattee hojjechaa jirti.

Sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuu eegaluu ilaachisee ibsa kan kennan Ministir Deetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii obbo Tasfaahun Gobazaayi guyyaan kun guyyaa itti gahumsa waldanda’uu keenya itti mul’isnudha jedhan.

Waggootan dabran ummanni Itoophiyaa guyyaa tokkotti sagantaa ashaaraa magariisaa dhaabuudhan hirmaannaa daddamaqinsa qabu taasisuun rikkordii isaanii wagga waggan fooyyeessuun seenaa hojjetaniiru.

Itoophiyaan Kunuunsa naannoof bahaa jirtuun addunyaaf gummacha guddaa bahacha kan jirtu yoo ta’u sagantaa ashaaraa bara knaatiinis seenaa haaraa barreessuuf qophoofteetti jedhan

Iddoowwan biqiltuun itti dhaabamitti ogeeyyiin qonnaa akka argaman kan dubbatan Deetaan Ministira akkuma baroota darbanii iddoowwan itti dhaabaman ‘Geo- referance’ deeggarame odeeffannoon gara kuusaa giddu galaatti ni ergama jedhaniiru.

Itoophiyaanonni bal’aan bahuun gahee seena qabeessa kana akka bahan waamicha dhiyeessaniiru

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply