Sagantaan ashaaraa magariisaa qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan dachee gubbaa dabaluuf gumaacha olaanaa akka qabu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Injinar Habtaamuu Ittafaa (Dr.) ibsaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa waggoota darban keessatti lolaa ittisuu fi biyyee lolaan haramu hir’isuu keessatti gahee guddaa akka qabu himaniiru.
Faayidaa Bosonnii qabeenya bishaanii irratti qabu ilaalchisee, qorannoon dhiheenya kana taasifame kuufama bishaan lafa jalaa dabaluuf ashaaraan magariisaa gumaacha olaanaa akka qabu mirkaneessuu isaa eeraniiru.
Qorannichi naannoo haroo Hawaasaafi naannoo lagni Abayyaa fi Awaash yaa’anirratti kan adeemsifame ta’uu kaasuun, jijjiiramni qabatamaan naannoowwaa kanneenitti biqiltuu dhaabuu duraafi boodarra mul’ate saayinsiidhaan mirkanaa’uu isaa ibsaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa naannoo magariisa taasisuu bira darbee yeroo roobaa lolaa hir’isuu fi bishaan roobaa lafa keessa akka seenuuf akka gargaaru himaniiru.
Biqiltoonni dhaabaman naannolee miidhaman deebisanii misoomsuufi bishaan lafa jalaa dabaluuf gumaacha olaanaa akka qabu illee ibsaniiru.
Haroomaayaa gogee ture deebisuuf hojiin misooma magariisaa fi eegumsa naannoo gumaacha akka qabu kaasuun faayidaa gama hundaan ashaaraan magariisaa qabu guddaa ta’uu ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.