Sagantaan ergaa barreeffamaa gabaabaa “Ashaaraa Dhalootaa ” 8120 eegalame

You are currently viewing Sagantaan ergaa barreeffamaa gabaabaa “Ashaaraa Dhalootaa ” 8120 eegalame

‎AMN Plus Hagayya 27/2017

‎Hidhi haaromsaa guddichi eebbaaf qophaa’aa jiraachuu sababa taasifachuun, sagantaan ergaa gabaa gara 8120’tti erguun hawaasni biyyattii miirasaa akka ibsatuuf, akkasumas ergaa yaadannoo injifannoosaa seenaaf kaa’achuuf pirojektiin kaayyeffate ifoome.

‎Sagantaa kanarratti Hoji gaggeessaa olaanaan waajjira qindeessaa hirmaannaa hawaasaa pirojektii hidha haaromsa guddichaa Dr Aragaawii Barihee, kanaan dura karaa ergaa gabaabaa galii walitti qabuu keessatti shoorasaa bahachaa kan ture Ethio tekekoom galateeffachuun har’a hagayya 27/2017 hanga Fulbaana 30 bara 2018titti kan turu sagantaa ashaaraa dhalootaa 8120 irratti ergamu kanas eegalchiisaniiru

‎Sagantaan kunis 8120 irratti 1 erguun qarshii 5, lakkoofsa 2 erguun qarshii 10, lakkoofsa 3 erguun qarshii 15, lakkoofsa 4 erguun qarshii 100 gumaachuun ergaawwan qophaa’aniin hawaasni ashaaraa isaanii akka ka’ataniif kan qophaa’eedha.

‎Kana malees dhuunfaan injifannoo kana ilaalchisuun ergaa barreeffamaa gabaabaa gara 8120tti erguun qarshii 20 gumaachuun akka danda’amu ibsameera.

‎Darajjee Bayyanaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply