Sagantaan nyaata barattootaa biyyoota kaaniif muuxannoo gaarii ta’uun himame

You are currently viewing Sagantaan nyaata barattootaa biyyoota kaaniif muuxannoo gaarii ta’uun himame

AMN PLUS Adoolessa 20/2017

Hirmaattonni yaa’ii 2ffaa sirna nyaataa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Magaalaa Finfinneetti qopheesse irratti hirmaachuuf dhufan mana barumsa Dajjaazmaach Wandiyiraaditti argamuun sagantaa nyaata barattootaa daawwataniiru.

Hirmaattonni daawwannicharratti argamanis Itoophiyaan gama sirna nyaataa tiin jijjiirama bu’uuraa galmeessisaa jiraachuu himan.

Itoophiyaan manneen barnootaa keessatti sagantaa nyaata barattootaa hojiirra oolchuunshee kutannoo biyyattiin dhaloota fayyaalessa ta’e itti fufiinsaan ijaaruuf qabdu mirkaneessa jechuun AMN PLUSU’tti himaniiru

Yittaayaal Axinaafuun

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply