AMN PLUS- Adoolessa 12/2017
Seenaafi seenessa Oromoo qajeelchuuf misooma aadaa irratti hojiiwwan hojjatamaniin sirnootni gurguddoo Oromoo duraan dhibamaa turan dandammachaa akka jiruu Obbo Shimallis Abdiisaa himan.
Seenaafi seenessa Oromoo qajeelchuuf misooma aadaa irratti hojiiwwan hojjatamaniin sirnootni gurguddoo Oromoo duraan dhibamaa turan kan akka Goobeefi Shinooyyee tarkaanfii mootummaan jijjiramaa fudhateen akkataa guddummaa uummata Oromoo agarsiisuu danda’aniin bayyanachaa dhufuu isaanii pirizeedaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa yaa’ii idilee 9ffaa, waggaa 4ffaa, bara hojii 6ffaa irraatti ibsan.

Kabaja Ayyaana Irreechaa bara kanaa irratti gaggeeffameen bu’aawwan gurguddoo fuula gaarii Oromoo, Oromiyaafi Itooohiyaa ijaaruu,fi obbolummaa saboota gaanfa Afriikaa kan cimsee akkasumas carraa hojii bal’aafi yaa’iinsa tuuristii bal’a kan gumaachee ta’u Obbo Shimallis eeraniru
Gama biraatin haambaalee gurguddoo qaroomina seenaa Oromiyaa ta’an irratti hojii hojjetameen, iddoon seenaa duraa Malkaa Qunxurree bara kana dhaabbata UNESCOtti qabeenyaa haambaa kiliyaa addunyaa ta’e kan danda’eera jedhan.
Walumaagalatti Naannoon Oromiyaa sadarkaa waltajjii addunyaatti qabeenya haambaalee gurguddaa 4 galmeefatee akka qabu taasifameera jedhan Obbo Shimallis Abdiisaan.
Duudhaa ganamaatti deebii’un haqa waloo uummataa mirkaneessuuf gama mana murtii Aadaan waldhabdee hiikuub, araaraafi nagaa buusuu wojjiin walqabate hojii hojjetameen jijjiramni hawaasa fayyadamaa taasisee dhufeera jedhan.
Bara kana inisheetivii haaromsaa Aadaa Oromoo ifoomeen galmoota qabsoo Oromoo bakka isaaf malutti ceesisuuf hojiileen gurguddoon hojjetamaa jiraachuun eerameera.
Kaasiyyee Maanguddaatu Gabaase.