Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa eegalame

You are currently viewing Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa eegalame

AMN PLUS Caamsaa18/2017

Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 13ffaan waggaa 20 gadii fi 4ffaan waggaa 18 gadii calalliiwwan adda addaa fi dorgommii xumuraan eegalameera.

Guyyaa jalqabaa Shaampiyoonichaan dorgommiiwwan xumuraa dorgomamaniiru.

Kanaanis dorgommii gufachiisaa meetira 3000 dubartootaan Alamnaat Waalee poolisii Amaaraa irraa 1ffaa, Kennaa Tufaa humna ibsaa Itiyoophiyaa irraa 2ffaa akkasumas Magaalaa Shaggar irraa Zarituu Dhaabaa 3ffaa bahuun Xumuraniiru.

Dorgommii gufachiisaa Dhiirotaa Meetira 3000n Dinqaa Fiqaaduu humna ibsaa Itiyoophiyaa irraa 1ffaa, Haayiluu Ayyaalew akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaa irraa 2ffaa, akkasumas Jamaal Jawaar konistiraakshinii Oromiyaa irraa 3ffaa bahuun dorgommicha xumurameera.

Dorgommii Darbannaa eeboo dubartootaan raawwatameen Ruut Areeroo magaalaa Adaamaa irraa 1ffaa, Duku Nenqoo Magaalaa Shaggar irraa 2ffaa akkasumas, Yashiiwarq Animaaw Baankii Daldala Itiyoophiyaa irraa 3ffaa bahuun xumuramuusaa odeeffannoon Federeeshinicha irraa argame mul’isa.

Dorgammii Utaalcha Olka’insaa dhiirotaan Daal maach baankii Daldala Itiyoophiyaa irraa, Osloo Ujuluu Machaal irraa akkasumas, Paliipa ummaan Buna Sidaamaa irraa tartiiba kaa’ameen 1ffaa hanga 3ffaa bahuun dorgommicha xumurniiru.

Shaampiyoonishi waree booda dorgommiiwwan adda addaan itti fufuusaa odeeffannoon federeeshiniiAtileetiksii Itiyoophiyaa mul’isa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply