Shaampiyoonaan moo’aa moo’attootaa kilaboota kubbaa miilaa Oromiyaa marsaa 23ffaan kilaboota 45 hirmaachisuun magaalaa Baatuutti bifa ho’aan eegale.
Sirna baninsasaa irrattii Itti aanaa Hogganan Biiroo Dargaggoofii Ispoortii Oromiyaa obbo Dassaaleny Xilaahun ergaa dabarsanin Nannoo Oromiyaatti kubbaa miilaa cimsuuf hojiileen gamhedduu hojjetamaa akka jiru eeran.
Yeroo dhihoo asis kilaboota kumaan lakkaa’aman hundeessuun guddattoota ga’oomsuu irratti hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Dorgommiin kunis kilabootaafis ta’ee taphattootaaf carra ittiin sadarkaa biraatti filamanii bahan akka uumuuf ibsan.
Itti gaafatamaan Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa obbo Firoomsaa Laggasaa gama isaaniin kilaboota 45 hirmaatan keessaa 16 gara Liigii olaanaa Oromiyaatti akka darban himaniiru.
Dorgommichi taphatoota Nannoorra darbanii biyyaa bakka bu’an horachuuf akka ta’e dubbataniiru.
Rabbirraa Hirphaatu gabaase