Shakkamtoonni 3 carraa lotoorii argannee jechuun dubartii dhuunfarraa kuma 50 fudhachuuf gowwoomsuu yaalan to’ataman

You are currently viewing Shakkamtoonni 3 carraa lotoorii argannee jechuun dubartii dhuunfarraa kuma 50 fudhachuuf gowwoomsuu yaalan to’ataman

AMN PLUS- Hagayya 1/2017

Shakkamtoonni 3 carraa lotoorii argannee jechuun dubartii dhuunfarraa kuma 50 fudhachuuf gowwoomsaa turan harkaafi harkatti qabamuun qoratamaa jiraachuu Qajeelchi Pooliisii Kutaa Magaalaa Eekkaa beeksisan.

Shakkamtoonni kunneen Adoolessa 30/2017 Kutaa Magaalaa Eekkaa iddoo addaa mana barumsaa Sa’aalite Mihiret jedhamutti carraa lotoorii injifanne jechuun nama dhuunfaa osoo gowwoomsaa jiranuu too’ataman.

Shakkamtoonni Ingidaa Damissee, Mintasinoot Manbareefi Aandinat Alamuu kan jedhaman miidhamtuu dhuunfa itti siquun carraa lotoorii injifannee kaffaltii duraa waan hinqabneef isaa nu kafaalii mallaqa yoo baafannee ijoollee keetiif kennaa kennina jechuun walii galan.

Miidhamtuu dhuunfa kun baankii Awaashirraa kuma 50 akka baastu erga taasisaanii booda konkoolaataa tajaajila taskii gabatee 1 A/A 30514 ta’e qabatanii osoo miliiquuf yaalii taasisaa osoo hin faagatiin pooliisiifi hirmaannaa hawaasatiin qabamuu isaanii Qajeelchi Pooliisii Kutaa Magaalaa Eekkaa ibseera.

Shakkamtoota yakka raawwatanii akka hin miliiqne hawaasa hirmaatan kan galateeffatan Buufatni Pooliisii miseensa isaa qindeessuun konkoolaataa yakki iittin raawwatameefi shakkamtoota qabuun seera jala akka oolan eeraniiru.

Miidhamtuun dhuunfas gara qajeelcha pooliisii dhuufun himata kan bante yoo ta’uu shakkomtootarratti odeeffannoon dabalata walitti qabamee bal’inaan qorannoon irratti akka taasifamu ibsameera.

Namni kamiyyuu yakka gowwoomsaa akkanaatirraa of eeguuf, lotooriin namaaf bahee mallaqni dura kaffalamuu waan hin jirreef yaalii gowwoomsuu akkasii yoo isin qunnama ta’e eeruu dhaabbata pooliisii kamifiyyuu kennuun yakka ittisuu akka qabnu Qajeelchi Pooliisii Magaalaa Finfinnee ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply