Qajeelchi Poolisii Magaalaa Finfinnee shakkamtoota hojjettuu manaa ajjeesuun daa’imman lama ugguruun maatii daa’immanii birrii miiliyoona 10 gaafatan to’achuun daa’imman lamaan maatiisaaniitti deebisuusaa beeksise.
Gochi yakkaa kun Waxabajjii 30/2017 Kutaa Magaala Aqaaqii Qaallittii Aanaa 1 naannoo Alam Baank jedhamee waamamutti guyyaa sa’aatii 11:45 irratti akka ta’e Poolisiin himeera.
Qajeelchi Poolsii Magaalichaa hojjettuun manaa Habtaam Warquu jedhamtu mana keessatti sibiila qara qabuun waraanamtee ajjeefamuu, daa’imman obbolaa lama umurii ganna 10 fi 7 qabanis baduun isaanii eeruu argaterraa ka’uun qorannoo eegala.
Daareektarri Sabquunnamtii Qajeelcha Poolisii Magaalaa Finfinnee Komaandar Maarqoos Taaddasaa AMN dijitaal miidiyaatti akka himanitti Poolsiin magaalichaa ragaalee foransiikii walitti qabuun akkasumas garee dhimmicha hordofu gurmeessuun hordoffii eegala.

Kana gidduutti namni Mangistuu Dalaasaa jedhamu haadha daa’imman kanneenii Aadde Hawwii Yooseefitti bilbiluun daa’imman lamaan ugguruusaa itti hima. Birriin miiliyoona 10 kennamuufii baannaan daa’imman lamaan akka ajjeesu, dhimmicha Poolisiitti himnaan tarkaanfiin addaa daa’imman irratti fudhatamuu akka danda’u akeekkachiisa.
Daa’imman lamaan namicha isaaniin uggure kanaan dura waan beekaniif taatee irratti raawwatama jiru tokkollee quba hin qabani.
Haata’u malee kana gidduutti viidiyoon daa’imman lamaan wayita taphatan mul’isu haadha daa’imman kanneenii Aaddee Hawwiitti ergama.
Qajeelchi Poolsii Magaalaa Finfinnees Hordofii cimaa Tajaajila Odeeffanoofi Nageenyaa Biyyaalessaa waliin taasiseen Adoolessa 5 bara 2017 namoota yakka ugguruu raawwataniifi namoota dhimmicha keessaa harka qaban to’achuu danda’eera.
Daa’imman lamaan Magaalaa Adaamaa bakka safara Boolee jedhu mana itti ugguramanii taa’aa turan keessaa gadi lakkisuun maatii isaaniitti deebiseera.
Yakka kanaa waliin shakkamtoonni afur to’atamanii qorannoonis itti fufuusaa Qajeelchi Poolsii Magaalaa Finfinnee AMN Dijitaal Miidiyaatti himeera.
Wandimmaagany Asaffaan