Shakkamtoonni sanada sobaa qopheessaa turan to’annoo jala oolfaman

You are currently viewing Shakkamtoonni sanada sobaa qopheessaa turan to’annoo jala oolfaman

‎AMN PLUS – Hagayya 19/2017

‎Magaalaa Finfinneetti shakkamtootni sanadoota sobaa adda addaa qopheessaa turan too’annoo seeraa jala oolfamuun qoratamaa akka jiran Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee ibse.

‎Sanadoota sobaa qopheessuun biyyattii irratti dhiibbaa hamaa kan fidu waan ta’eef poolisiin namoota dhuunfaa yakkaa kana keessatti hirmaatan yeroo adda addaatti to’annoo jala oolchuun seeratti dhiheessaa turuu Poolisiin Finfinnee odeeffannoo AMN Digital’f ergeen beeksiseera.

‎Buufanni Poolisii Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 11 iddoo addaa Ajambaa jedhamu naannoo shakkii namoota sanadoota sobaa qopheessaa jiran irratti qorannoo fi hordoffii gaggeessaa turuu isaa himameera.

‎Hagayya 15, 2017 naannoo sa’aatii 8:00tti poolisiin ajaja mana murtiitiin mana jireenyaa shakkamaa Seyfaddiin Sheebootti taasiseen sanadoonni barnootaa adda addaa, waraqaa eenyummaa gandaa, hayyama daldalaa, waraqaa ragaa, hayyama konkolaachisummaa, ajaja mana murtii, akkasumas laptop 2, printer 3, fi halluu adda addaa sanadoota sobaa qopheessuuf oolan waliin to’annoo jala akka oolfaman eerameera.

‎Yakka kana irratti adda durummaan hirmaachuun kan shakkaman Seyfaddiin Sheeboo fi Abiyyi Ayyaalew to’annoo jala ooluun ragaalee qabaman irratti qorannoo gaggeessaa akka jiru Poolisiin ibseera. Qajeelchi Poolisii magaalaa Finfinnee yakka sanada sobaa fayyadamuun raawwatamuurraa hawaasni akka of eegu dhaameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply