Siidaan Mooticha Leeqaa Naqamtee Kumsaa Morodaa handhuura daandii magaalaa Naqamteerra ture kaafamuun jiraattotatti gaaffii uumuun gidduu kana marsaalee hawaasaarra naanna’aa ture.
Jiraattotni magaalaa Naqamtee AMN Digital bilbilaan dubbise tokko tokko jidduu kana Siidaa Kumsaa Morodaa Marfata 1ffaa irra ture bakka sanaa kaafamuu isaa dubbatu.
Sanbata xiqqaa darbe jechuunis Fulbaana 10 bara 2017 Naannoo Marfata 1ffaa irra yeroo darban arganii kan turan ibsuun, Dilbata barii manaa yeroo ba’an Siidaaa kana bakka isaatii dhabuu dubbatan.
AMN Digital dhimma kana ilaalchisee Waajjira Komunikeeshinii Magaalaa Naqamtee bilbilaan quunnameera.
Itti Gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Dabalaa Tamasgeen Magaalaa Naqamtee keessatti hojiin misooma Koriidarii jalqabamaa akka jiru himuun siidaan kun yeroo hojii kanatti akka hin miidhamneef kabajaan kaafamuu AMN Digital’itti himaniiru.

Siidaan kun yeroodhaaf akka ka’u taasifamuun Goda Hambaa Wallaggaa keessa akka kaa’amu kan taasifame Fulbaana 10 bara 2018 ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.
Bakki Siidaan Kumsaa Morodaa irratti argamu Marfatni 1ffaa qaamuma misooma kooriidarii ta’ee akkaataa daawwattoataaf ta’utti misoomeefi miidhagee, hojiin isaa akkuma xumurameen Siidaan Kumsaa Morodaa bakkichatti akka deebifamu himaniiru.
Hawaasni odeeffannoo dogongoraa siidaan kun ni bade, akka manca’u taasifame akkasumas odeeffannoowwan kanneen biroo tasuma wal hin qabanne irraa akka of eeggatus kan himan Itti Gaafatamaan kun, Goda Hambaa ykn Muuziyemii Wallaggaa dhaquudhaan haala gaarii ta’een akka kaa’amu taasifamuu isaa ibsaniiru.
Mootii Kumsaa Morodaa bara 1839 hamma 1923’tti Leeqaa Naqamtee kan bulchan yoo ta’u, barnootni ammayyaa naannawa sanatti akka babal’atuuf gumaacha guddaa ba’achuun isaanii seenaadhaan ni himama.
Yaadannooma kanaaf Bulchiinsi magaalaa Naqamtee waggoota muraasa dura Siidaa isaanii kana dhaabeefi.
Siidaan isaanii amma Muuziyemii keessa ol kaa’ames, akkuma hojiin misooma koriidorii Marfata 1ffaa irratti taasifamu raawwatameen kabajaan akka bakkatti deebifamu ibsameera.
Malkaamuu Abbabaatiin