Siidaan yaadannoo Artist Haacaluu Hundeessaa Magaalaa Ambootti ijaarame xummuramuun eebbifameera.
Siidaan Yaadannoo Artist Haacaluu Hundeessaa yaadannoo isaatiif Magaala Ambootti Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatiin ijaarame iddoo Itti Aanaan Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii argamanitti eebbifameera.
Sagantaa eebbaa kanarratti Obbo Daraaraa katamaa Itti aanaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii oromiyaa, obbo Hacaaluu Gammachuu Kantiibaa Magaalaa Amboo, haadha warraa Artist Haacaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damisoofi keessummootni waamichi taasifameef argamaniiru.
BATO