Sirna Odeeffannoo cimaafi tokkummaa ardii jabeessu fayyadamuun miidiyaaleerraa eegama- Dr. Laggasaa Tulluu

You are currently viewing Sirna Odeeffannoo cimaafi tokkummaa ardii jabeessu fayyadamuun miidiyaaleerraa eegama- Dr. Laggasaa Tulluu

AMN PLUS – Hagayya 21/2017

Sirna Odeeffannoo cimaafi tokkummaa ardii jabeessu fayyadamuun Afrikaa Badhaateefi dhaloota dhufuuf mijattuu ijaaruuf miidiyaaleen shoora gamasaanii gumaachuu akka qaban Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Dr. Laggasaa Tulluu ibsan.

Yaa’iin 15ffaan Waldaa Miidiyaafi Kominikeeshinii Afrikaa Bahaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adawaatti Mata Duree “Miidiyaafi Kominikeeshiniin walitti hidhamiinsa Afrikaaf” jedhuun taa’amuu eegaleera.

Sirna Baniinsa Yaa’ii kanaarratti ergaa kan dabarsan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Dr. Laggasaa Tulluu walitti hidhamiinsa Lammiilee Afrikaa fi Ardii Lammiileen ofirratti hirkataniifi ilaalcha ofitti amanamummaa cimaafi eeggattummaa keessaa bahe qaban uumuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Ajandaa 2063 milkeessuuf Miidiyaaleen gaheesaanii akka bahatanillee kan dhaaman Dr. Laggasaa Tulluu, Kominikeeshinii ammayyaa Ardittii ijaaruufillee miidiyaan iddoo guddaa qabaachuu himaniiru.

Miidiyaaleen, waldaaleen Siivikiifi kanneen biroo Afrikaa hirkattummaa Odeeffannoo fi warra Ardittiin ala jiran qofa amanuu keessaa baasuuf jabaatanii hojjachuu qabu jedhaniiru.

Miidiyaaleen Afrikaa Seenessa waloo Afrikaa ijaaruufi tokkummaa ardittii cimsuun walabummaa Odeeffannoo fi Miidiyaa akka jiraatu taasisuuf xiyyeeffannoon hojjachuun barbaachisaa tahuu Pirezidaantiin Waldaa Kominikeeshinii Afrikaa Bahaa Proofeesar Margaareet Juukoo ibsaniiru.

Chaansilarri Yuniversitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kiflee Carraaqqii Afrikaa cimtuu Ijaaruuf godhamu milkeessuufi Odeeffannoon qajeelaan Lammiilee gidduu jiraachuu akka qabu dubbataniiru.

Mahaammad Toofiqitu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply