Sirni awwaalcha Artistii Gameessa Dabbabaa Isheetuu bor sa’aatii 8:00tti Mana Amantaa Kaateediraalaa Qulqulluu Sillaasee’tti akka raawwatu koreen biyyaalessaa raawwachiiftuu sirna awwaalichaa beeksise.
Guyyaa borii Mana Tiyaatira Biyyaalessaa Itoophiyaatti guyyaa keessaa sa’a 5 irratti sagantaan gaggeessaa akka godhamuuf himaniiru.
Daayirektorri Olaanaan Tiyaatiraa Biyyaalessaa Itoophiyaa obbo Baarrakaa Taaddasaa akka ibsanitti sirni awwaalcha artistii gameessa kanaa bor sa’a 8 ‘tti Bataskaana Kaatediraalaa Qulqulluu Sillaasee’tti raawwatama.
Tiyaatirri Biyyaalessaa Itoophiyaa du’a Artistichaan gadda itti dhaga’ame ibseera.
Artisti Dabbabaan barreessaa tiyaatiraa, qopheessaa, taatoo fi turjumaana akka ture dubbatameera.
Maqdas Damissitu gabaase.